ዩኒቨርስቲው በሳይንስ፣ ቴክኖሎጂ፣ እንጂኔሪንግ አና ሂሳብ ትምህርት በተግባር ትምህርት በመደገፍ ሲያስተምራቸው ለቆየ ተማሪዎች እውቅና ሰቷል።
በሮቤ ከተማ ከሚገኙ ከተለያዩ 2ኛ ደረጃ ትምህርት ቤቶች ልዩ ተስጥኦ እና የፈጠራ ችሎታ ያላቸው ተማሪዎች ተመልምለው ለተከታታይ አራት ወራት በሳይንስ፣ ቴክኖሎጂ፣ እንጂኔሪንግ እና ሂሳብ ትምህርቶች ተግባር ተኮር ክህሎት ላገኙ ተማሪዎች የትህምርት ቤቶች አመራሮች፣ የሳይንስ ክበብ መሪ መምህራን እና የተማሪዎች ቤተሰብ በተገኙበት እውቅና ተሰቷል።
የመደ ወላቡ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት የተከበሩ ዶ/ር ብርሃነመስቀል ጠና በእውቅና ሥነ-ሥርዓቱ ላይ ተገኝተው ባደረጉት ንግግር በዚህ ባለንበት በዲጂታል ዘመን ሳይንስና ቴክኖሎጂ መሠረት ስለሆኑ የዩኒቨርሲቲያችን STEM ማዕከል ከታች ያሉ ልዩ ተስጥኦ እና የፈጠራ ችሎታ ያላቸውን ወደ ተሻለ ደረጃ እንዲደርሱ የበኩሉን አስተዋፅኦ ማበርከትን ዓላማው አድርጎ የተቋቋመ ማዕከል መሆኑን አንስተዋል።
ፕሬዚዳንቱ አክለው የትምህርት ቤቶች አመራሮች ይህ ታግባር እንዲሳለጥ ከተማሪዎች ምልመላ ጀምሮ ሌሎች አስፈላጊ ድጋፎች በማድረግ ከዩኒቨርስቲው ጎን እንዲቆሙ ጥሪ አቅርበዋል።
እውቅና የተሰጣቸው ተማሪዎች እና የተማሪዎች ቤተሰቦቻቸው ዩኒቨርስቲው ለሰጣቸው የስልጠና ዕድል አመስግነዋል።
Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti giddu galli 'STEM' barattoota leenjisaa tureef beekamtii kenne.
Yuunivarsitichi gosota barnoota saayinsii, teeknoloojii, injinaringii fi herregaa shaakalaan deeggaruun barattootaaf manneen barnoota sadarkaa 2ffaaf kennaa ture xumuruun beekamtii kenne.
Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa garagaraa magaalaa Roobee keesatti argamaan keessaa barattoota kennama addaa fi dandeettii kalaqaa qaban adda baasuun ji'oottan afran darbaniif barnoota shaakalaa irratti bu'uureeffate gosoota barnoota saayinsii, teeknoloojii, injinariingii fi herreegaan leenjiisaa ture bakka hogganttoonni manneen barnoota, gaggeesittoonni gumii saayiinsii fi kalaqaa manneen barnoota sadarkaa 2ffaa magaalaa Roobee akkasumas maatiin barattootaa argamanitti leenjittootaaf beekamtiin kennamera.
Sagantaa beekamtii kennuu kana irratti argamuun haasawa kan taasisan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Kabajamoo Dr. Birhaanamasqal Xannaa, yaada kennaniin jaarraa dijitalaa keessa jirru kanatti barnoonni saayinsii fi teeknoloojii shaakalaan deeggarame bu'uura waan ta'eef, Yuunivarsiitiin keenya barattoota manneen barnoota sadarkaa 2ffaa kennama addaa fi dandeettii waa kalaquu qaban deeggaruun sadarkaa ol'aanaatti akka ce'aaniif giddu-gallichi STEM akka hundaa'e akeekan.
Itti dabaluudhaan hogganttoonni manneen barnoota hojiin caalaatti akka milkaa'uuf calallii barattoota irraa eegalee deeggarsa barbaachisuu hunda gochuun Yuunivarsitii faana akka dhaabbatan waamicha dhiyeessan.
Barattoonni beekamtii argatanii fi maatiin barattoota carraa kana argachuu isaanitiif Yuunivarsiticha galateeffataniiru.
Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti Kutaa Hariiroo Hawaasaa fi Idil-addunyaa
Event Gallery
















